Protokooliin Abbootii Dachee Lammiilee Australia hundaaf maaliif barbaachisa?

Young Adult Indigenous Australian
Woman Dancing

Indigenous cultural protocols are based on ethical principles. Source: iStockphoto / chameleonseye/Getty Images/iStockphoto

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Pirootokoolii aadaa ummatoota Aboorijiinaa fi Torres Strait Islander eeguun tarkaanfii barbaachisaa Australiyaanota Jalqabaa fi lafa hundi keenya irra jiraannuu kana hubachuu fi kabajuu dha.


Tuqaalee Ijoo
  • Naamusni aadaa waggoota kumaatamaaf lammiilee Australia Duraatiin ilaalamaa ture.
  • Jaarsoliin Aboorijiinaa miseensota hawaasaa kabajamoo beekumsa aadaa gadi fagoo qabaniifi qooddachuu danda’anii dha.
  • Amma kabajaan tahetti, waa'ee pirootokoolii gaaffii gaafachuu irraa hin sodaatinaa.
  • Afaan sirrii fi miira gaarii qabu fayyadamuun karaa salphaan kabaja agarsiisuutu danda’ama.
Pirootokooliin aadaa abbootii dachee, seera naamusa hariiroo hojii fi walitti dhufeenyaa nuti ummattoota Abooriginaa fi Torres Strait Islander waliin qabnu irratti hundaawa.

Hariiroo kana kununfachuun barbaachisaa dha, sababni isaasa isaan Ummattoota Australia Jalqabaa waan tahaniif. Waa’ee lafaa irratti hubannoo gadi-fagoo waan qabaniif eegumsa naannoo fi akkaataa itti kununsan nu barsiisuu danda’u.

Caroline hughes maanguddoo naannoo fi magaalaa guddittiitti(ACT) Ngunnawal jedhamuu ti. Maanguddoon Abooriginaa kun, beekumsa aadaa gadi-fagoo qabduun baayyee beekamti.

“Sirna amantaa fi naamusa aadaa duubatti achi deebinee yaadannu qabna, Australia ammayyoofte keessatti sun har’a iyyuu qaama jireenya keenyaa ti, "jedhti.

Protokoolii aadaa eeguudhaan, walitti dhufeenya hin cabne, Awustraliyaanonni Jalqabaa lafaa fi raawwii durii waliin qabaniif beekamti ni kennina.
Maanguddoon SBS’ keessa tutturte Rhoda Roberts, shaakala itti-fufiinsa aadaa Saboota Duraa kana deggerti.

“Seenaa afaaniin dubbatamu, protokoolii fi srinoota qabnu bara dheeraaf itti fufneerra. Akkasumas wantootni yeroo sirreeffamaa deeman – nuti namoota lafa kana irratti dhaabbataa miti -  yaadni fi falaasamni eenyummaa keenya ibsu biyya keenya  lafa keenya kan tahe, galaanaa, bishaan keenyaa fi samii ni kununsa. “
AC Milan v AS Roma
Aboriginal dancers perform during the welcome to country before the friendly between AC Milan and AS Roma at Optus Stadium on May 31, 2024 in Perth, Australia. Credit: Paul Kane/Getty Images

Akkamitti Awustraaliyaanota Jalqabaa yaamuu qabna?

 “Australia mara keessatti Aborigina ykn Torres Strait Islander jechuun sirrii dha, jedhti Caroline Huges.

Namootni tokko tokkos wal-hidhata bakka irraa dhufaniin of yaamu, fakkeenyaaf akka Koori, yeroo baayyee NSW fi Victoria keessatti itti fayyadamu. “ Quneensland keessatti ‘Murray’ Tasmania keessatti ammo ‘Palawa’ of yaamu.

“Ofii koof , anni dubartii Ngunnawal jedhamee yaamamuun filadha, sun biyya koo ti,” jedhti aadde Hughes.

Ummattoota Abbootii dachee gosa lamatu jiru

Torres Strait Islander Ummattoota Abbootii Dachee Island giddu-gala qarqara Cape York Penisnsula fi Papua New Guinea irraa yemmuu tahan, heddumminaan hidda dhaloota Melanesia ti.

Thomas Mayo nama Torres Strait Islander fi gargaaraa Barressaa Biyyaalessaa kan Gamtaa Galaanaa Australa ti. Ummattootni Abbootii Dachee heddumminaan kan cillinfoo galaanaa danda’an tahuu dubbata.

“Saboonni Duraa hunduu haga tokko garaa garummaa aadaa ni qabu garuu aadaa warra Islander fi Aboriginaa gidduu garaagarummaa ifaatu jira, warri Islander akka dhalootaan Abbootii Dachee addaa tahanitti beekamuu barbaadu,” jedha.

Afaan kabajaa fayyadamuu

“Abbootii Dachee/Indigenous’, ‘Aboriginal’, Torres Strait Islander’ fi ‘Maanguddoo’ jechootni jedhaman jalqaba irratti qubee guddaan barreeffamu. Kottoonfachiisaan maqaa kana barreessuun tasumaa wanta dabraa nama aarsu dha, jechuun ibsiti Caroline hughes

“Abriginal jechuuf kottoonfachiisaan hin barreessinaa.’ Nuti jecha gabaabaan hin ibsamnu, kun akka tahu tasuma hin fedhnu, akkasumas jechootni nama aarsan qalbii keenya miidan ni jiran," Jedhti.

Manguddootni eenyu?

Maanguddootni miseensa hawaasichaa kabajamoo kanneen beekumsa aadaa gadi-fagoo qabani dha.  “Adaadaa” fi “Eessuma” jedhamanii yaamamu.  Namootni Uuumattoota Abbootii dachee hin taane akkasitti yaamuu yoo barbaadan danda’umuu isaa isaan gaafachuun waan sirrii dha. 

Yeroo qophiileen tokko tokko tahan, qophicha irratti Baga nagan Biyya kana Dhuftan kan jedhu Maanuddoota hawaasichaa ti.

Baga Nagaan Biyya kana Dhuftan jechuun maal?

Bara 1980moota keessa Rhoda Robertsiin kan qophaa’e, Baga nagaan Biyya kana Dhuftan (Welcome to Country)n sirna simannaa achii asi dhufa ture kan dabre itti yaadachuuf yeroo baniinsa sagantaa irratti raawwatamu dha. Qophichi tarii hasawa, shubbisa ykn qophii aaraa tahuu danda’a.

Haaluma wal fakkaataan, “Beekamtiin Biyyaa” ykn Acknowledgment of Country” Protokoolii simannaa yeroo walgaghiin adda tahe jiru namuma kamiinuu gaggeeffamuu danda’u dha,” jedhti Rhoda Roberts.

“Beekamtii Biyyaa kennuu jechuun, tarii ati biyya kana keessaa hojjechaa ykn jiraachaa jirta, garuu biyyicha keessaa hin dhufne, garuu kun homaa miti. Kanuma kee ti, amma iyyuu Eegdotaa fi Maanguddootaf galataa fi kabaja kennuu jirta.

Afaan hin malle



“Ijoolleen keenya aadaa keenya keessatti guddatan, kun nuuf hedduu adda, kanaaf waa’ee dhibbeentaa ykn percentage fi waa’ee bifa gogaa, bifa ijaa fi rifeensaa dubbachuun hedduu sirrii miti. Hawaasni warra adii ykn hawaasni Abbootii Dachee hin taane ijoollee kana kan moggeesse(reject godhe) yoo tahu, aadaa Aboriginaa keessatti ammo ijoolleen kun kennaa addunyaa afuuraa irraa maatii fi hawaaa keenyaaf kan kennamanii fi yeroo hunda iyyuu kan simatamanii dha”.

Kabja agarsiisuuf caalaatti barachuu dha

 “Qulqullummaanii fi kabajaan haga tahetti waa’ee protokoolii jiranii gaafachuu tasuma hin sodaatinaa," jedha Thomas Mayo.

“Akkasittiin wanneen gaaffii gaafattaniif isinii ibsamus dhaggeeffachuufii adeemsa kabaja qabuun tarkaanfachuun baayyee barbaachisaa dha".

Namootni hunduun Ibsa Uluru barreeffamanii jiran qalbii irraa akka dubbisan, fi yaada dhihaatanis akka deggeran gorsa obbo Mayo.

Maanguddoo SBS' keessa tutturte, Protokooliin sun bu'uuraan, namoota akka ofii keenyaatti akka ilaallu nu yaadachiifti.
Wanti waa’ee gaarummaa fi gara-laafinaa ti, garuu ani kanan jedhu yeroo hunda iyyuu naamusa gaarii qabaachuu dha.
Rhoda Roberts
This content was first published in May 2022.

Share