Lolli Australiyaanotaa maal ture seenichi maaliif beekamtii hin arganne?

AusWars_16x9.jpg

The Australian Wars documentary Credit: Blackfella Films

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Waraanni Daangaa jecha yeroo baayyee waldhabdee jeequmsaa waggoota 100 ol qubsiistota koloneeffattootaa fi ummatoota Abbootii Dachee gidduutti uumame kan yeroo qubsuma Ingilizoota Australia keessatti uumame ibsuuf itti fayyadamamu dha. Awustiraaliyaan waraana biyyoota alaa keessatti taasifame keessatti hirmaannaa ishee kabajjus, qabsoo biyya har’a ishee taasiseef ammallee beekamtii hin kennine.


Key Points
  • Waraanni Austraaliyaanotaa beekamtii argachuu kan danda’e erga labsiin ‘Terra Nullius’ seeraan mormamee fi kuffifamee booda qofa.
  • Waraanni Australia guutuu ardii kanaa keessatti, dhufaatii dooniin jalqabaa bara 1788 irraa eegalee, hanga walakkeessa bara 1930mootaatti kan lolame ture.
  • Galmeen koloneeffataa fi ragaan arkiyooloojii gareewwan ogeeyyiitiin argame guddina waldhabdeen kun akka suukaneessaa ta’e agarsiisa.
 AKEEKKACHIISA QABIIYYEE KANAA: Odeessi asi keessatti ibsamu tarii dhimma jeequmsa taasifamee ti, kun tarii miira dhaggeeffattootaa dhiphisuu mala.

Kaapteen James Cook jalqaba qarqara galaanaa amma Australia jedhamuun beekamtu yeroo ga’u, lafa bal’aa kana “Terra Nullius” jechuun labse, lafa nama tokkoo miti.

Dhugaa jiru yoo ilaalle, ardiin odola kanaa saboota fi gosoota Odoola Aboorijiinaal fi Torres Strait Ilander adda addaa dhibbaan lakkaa’aman kan qabate ture — ummatoota Iabbootii Dachee kuma dhibbaan lakkaa’aman kanneen battalumatti akka ‘bitamtoota’ aangaóota Biriteenitti ilaalaman.


Kun ammoo Waraana Daangaa, waldhabdee gara-jabinaa ummatoota Abbootii Dachee fi qubsiistota gidduutti tahe kan bu’uura uumamuu Australia tahe. Garuu seenaan suukaneessaan kun amma reef beekamtii argachuu eegaleera.

Ogeettiin fiilmii Rachel Perkins dubartii Arrernte ((AR-RAN-DA) fi Kalkadoon duubbeen ishee nama qomoo Awurooppaa ti. Bara 2022tti sagantaa TV kan haala Ummattootni Abbootii Dachee lafa isaanii qubsiistota Inglizii irraa ittisuuf itti qabsawaa turan bal’inaan ibsu gad-dhiifte.

Ogeettiin fiilmii Rachel Perkins dubartii Arrernte ((AR-RAN-DA) fi Kalkadoon duubbeen ishee nama qomoo Awurooppaa ti. "Waraana Austraaliyaanotaa sana" ykn "The Australian War" documentary jedhu kan haala Ummattootni Abbootii Dachee lafa isaanii qubsiistota Inglizii irraa ittisuuf itti qabsawaa turan bal’inaan ibsu qopheessitee turte.

Waraanni Australiyaanotaa guutummaa ardii kanaa keessatti kan lolame ta’us, dhufaatii dooniin jalqabaa bara 1788 irraa eegalee, hanga walakkeessa bara 1930mootaatti, waldhabdeen kun hanga dhuma jaarraa 20ffaatti mana barumsaa keessatti hin barsiifamne ykn akka waraanaatti illee beekamtii hin arganne.

barreessitoota seenaa Australia keessatti kabajamoo ta’anii fi ogeessa waraanaa ti. Bara 1966 seenaa barsiisuu yeroo jalqabe, kitaabota seenaa keessatti waa’een ummata Aboorijiinaa hin kaafamne jechuun ni danda’ama.

"Aboorijiinota yeroo lamaan tokko qofa akkuma bararree tuqee dabra, indeeksii keessattis illee galmeen hin turre," jedha.

Lola Austraaliyaanotaa kan gadii kana tuqii haga tokko irraa ilaali:

Prof Reynolds akka jedhutti, kun gar-tokkoon isaa walakkeessa Jaarraa 20ffaa keessa Waraanni Daangaa akka waraana guutuutti waan hin ilaalamneef, waldhabdeen kun waraana geeriilaa wajjin waan wal fakkaatuuf.

"Ilaalchi ture baay’ee xiqqaa fi faffaca’aa waan ttureef akka waraanaatti ilaalamuu hin danda’u ture. Yuunifoormiin hin turre, loltoonni hiriira ba’an mul’isan hin turre... Dhugumatti dhimmi ijaarsa gurguddaa fi lola miira qindaawaan ta’’ee hin beeku, garuu kanas ta’e sana, ifumatti gosuma waranaa ture.”

Waraana Daangaa Australia kan biraan hayyuun seenaa Dr. Nicholas Clements kana irratti walii galuu isaa dubbata. Yaadni dogoggoraa kun bu'aa waraana addunyaa jalqabaa fi lammaffaa, kan akkaataa waraanni itti ilaalamu jijjiire ta'uus dubbata.

Haa ta’u malee, gosootni waraana bal’aa akkasii kun seenaa dhala namaa keessatti waan hin baratamne dha.

“Yeroo sana akka waraanaatti beeku, galmeen koloneeffataa hundi waraana jedhee yaama, garuu jaarraa 20ffaa fi 21ffaa keessa, san jechuunuu ni dhabame. Akkasumas akka lolaatti akka hin hin beekamne sababoota Siyaasaa bu’uura tahantu jiru jedheen yaada,” jedha Dr Clements.

Sababoonni siyaasaa sun labsii ‘Terra Nullius’ fi seera Ingilizii gidduutti wal faallessuu seeraa irraa madda. Namoonni Aboorijiinaal akka gonfoo Inglizii jalatti labsamanii turan, kanaaf, Impaayerri “akka ofii isaatti waraana labsuu hin dandeenye... kana gochuun lammiilee ofii irratti waraana labsuu jechuu dha,” waan taheef jedhti," Rachel Perkins.

"Haa tahu malee, Bretain humna loltuu fayyadamuun bakkoota qabachuuf milk'aauu ishee mirkaneeffatte jedhti itti dabaltee.
Frontier War
Frontier conflicts took place across the nation. Source: Supplied / Australian War Memorial Source: Supplied

Mabo fi 'Terra Nullius' n kuffisuu

Waraanni kunniin beekamtii argachuu kan danda’an erga labsiin ‘Terra Nullius’ seeraan mormamee fi kuffifamee booda, kunis jalqaba bara 1990moota keessa, murtii mallattoo Mabo jedhamuun beekamu keessatti jechuun ibsa Professar Reynolds.

“Hanga yeroo kanaatti ilaalchi ture Aboorijiin lafa kana hin qaban, kanaaf lolli waa’ee lafa deebifachuu tahuu hin danda’u sababni isaa seeraa-qabeessummaan abbaa qabeenyummaa hin qaban waan taheef. Bara 1992 fi sana booda murtiin, akkaataan waraana jijjiiramuu qaba ture, sababni isaa ifumatti dhimmooti adda addaa turan fi lolli waa’ee naannoo to’achuu ni ture waan taheef, " jedha Prof Reynolds.

Dr Clements akka jedhutti Impaayerri Biriteen abbummaa lafaa Abbootii Dachee Australia keessatti beekamtii kennuu dhabuun isaa seenaa keessatti waan hin taane dha.

“Hundeen koloneeffannaa Ingilizii Australia irrattii yaada mudaa qabu ture. Biyyoota Ingilizoonni koloneeffatan hunda irraa adda ta’ee, abbaa biyyummaa abbootii Abbootii Dachee asi Australia keessattif beekamtii hin kennine. Sababa sanaan walii galteen hin turre, ummatoota naannoo waliin mari’achuuf yaaliin godhames waan hin turreef hanga har’aatti mirgi isaan lafaaf qaban maal akka ta’e hubachuuf ija seeraatiin qabsaa’aa jirra."

Akkasumas marii gochuu dhabuun sun immoo, dhiigni gara jabinaan dhangala'uutti geesseera.

Galmeen koloneeffataa fi ragaan arkiyooloojii gareewwan ogeeyyiitiin argame, guddinni waldhabdee kun akka suukaneessaa ta’e agarsiisa.

qofti haftee akaakilee Aboorijiinaa 400 ol kuusa isaa keessatti kan qabu yoo ta’u, baay’een isaanii ragaa du’a ajjeechaadhaanii, morma-muraa fi ajjeechaa argisiisu.

Hortewwan namoota lubbuun hafanii yeroo hunda ni yaadatu jedhti Rachel Perkins.


Ummattootni Aboorijiinaa baay’een seenaa baayyee baatu. Ummattootni Abooriginaa seenaa waan isaani irratti raawwatameetu itti kenname, nutti, maatii keenyatti dabre. Kanaaf, waa’ee ajjeechaa saba koo irra gahe dhagaan guddadhe Queensland keessatti, akkasumasi gudeeddii suukanneessaa akkawoo koo guddittii irra gahe fi kkf nin beeka.
Rachel Perkins, Filmmaker.
Rachel Perkins - The Australian Wars
Rachel Perkins - The Australian Wars Credit: Dylan River/Blackfella Films

Waraanicha Gurraacha

Waraana Gurraacha(Black war) jedhamu Tasmania bara 1824 fi 1831 gidduutti geggeeffame seenaa Australia keessatti waldhabdee daangaa cimaa ture.

“Walduraa duubaan Waraana Australia keessatti, jedhti Rachel Perkins yeroo ibsitu, yeroo Waraana Gurraachaa sanitti lakkoofsi lammiilee Tasmania ajjeefamanii, Tasmanianota Korea, Malasia, Indonesia, Vietnam fi ergama nagaa eegsisuu keessatti du’an irra caala jedhti, "

Dr Nicholas Clements akka jedhutti, jeequmsi kara lameenuu irraa cimaa waan tureef aangawoonni koloneeffataa fi qubsiistonni soda guddaa ummata Aboorijinaa irraa qabu turan.

“Diddaan Aboorijiinaalotaa nama dinqisiisa ture. Addunyaa koloneeffataa keessatti eenyu ummattoota Aboorijiinaalaatiin akka ajjeefame ykn madaa’e, kan qonnaan isaanii gubate namni hunduu ni beeka. Guutummaatti nama sodaachisa ture. Dugaa dhubbachuuf, namoonni ciccimoon kolonii sana ittisuuf yaadaa turan, " jedha.

Dugaa dhubbachuuf, namoonni ciccimoon kolonii sana ittisuuf yaalaa turan.
Dr Nicholas Clements, Australian Historian.
Garuu warri Awurooppaa injifatan. Isaanis Tasmaninota Abbootii Dachee balleessuuf xuqquma hafe.

Waldhabdeen kun sababa miidhaa saalaa geessifamuun hammaate.

“Hokkora kanaaf kan kakaase, guca itti qabsiise, miidhaa saalaa ture,” jechuun Dr Clements dabalee ibsa.

Sirnichaan qabatamee gudeeddii fi butamuu dubartoota Aboorijiinaal baay'ee kan barame waan ta'eef, lubbuun jiraachuu gosoota Aboorijiinaa tokko tokkoo miidhaa saalaaf sababa ta'e.

“Har’a Tasmania keessatti sanyii Aboorijiinaa illee kan qabnu haguma ojjaa rifeensaa tokko, sababiin isaas guutummaatti jechuun ni danda’ama, baay’inaan jeequmsaan haxaa’amaniiru. jedha Dr Clements.
What is Native Title explainer NITV Eddie Koiki Mabo
Eddie Mabo with his legal team. Source: SBS Credit: National Museum of Australia

Ibidda ibiddaan loluu

Golee Australia bayyee isaa keessatti diddaa Aborijinaalotaa cabsuuf koloneeffattoonni Poolisii Dhaloota biyyaa, humna waraanaa gargaaraa leenji’ee shororkessu uumanii itti fayyadamaa turan.

“Loltoota dhaloota biyyaa tahan qacaru, akka humna waraanaatti itti fayyadamu. Kun humna guddaa diddaa Aboorijiinaalotaa cabse taúun isaa hin shakkisiisu,” Professor Reynolds.

Namoota kanaaf uffata, qawwee fi fardeentu kennamaaf ture. Dr Clements qondaaltota adiitiin kan gowwomsamanii tahuu amana, sababni isaas beekumsa aadaa Aborijinaa fi dandeettii muuxannoo bosonaa waan qabaniif itti fayyadamuufis jedha.

“Kaffaltiin Poolisiin dhaloota biyyaan Queensland keessatti qofa fudhatame kumaatama kudhaniin lakkaayama. Tilmaamaamaan kuma 60 hanga 80 ol ta'a jedheen amana, kunis dhugumaan kan nama ajaa’ibsiisuu fi daldala fokkisaadhas, jedhe.
Australian Aboriginal camp in the nineteenth century
A nineteenth century engraving of an aboriginal camp - Marmocchi Source: Getty Source: Getty
Seenaa kana as baasuun, waan Rachel Perkins yeoo documentary lolaa Australiyaanotaa walitti fufiinsaan hojjettu ishe mudatuu malu dha.

"Waraabbii akawoon koo waa'ee ajjeefamuu maatii haadha ishee yeroo dubbattu waraabden argadhe, wantan Kanaan dura dhagee hin beekne, bakkicha kun itti tahes dhaqee hin beekne, akkasumas bakkuma itti tahe iyyuu beekuu hin dandeenye haga gaafan wal duraa duubaan doumentry isaa qopheessuutti, jedhte"

Dr Clements, kan warri isaan dura turan qubsiistota turan, lammiileen Australia hundi miira salphina mo’achuu akka qabanii fi akkasumas jal’ina darbe if baasuu akka qaban amana.

“Akaakileen nama tokkoo qooda fudhatanis dhiisanis, nuti hundi keenya abbaa qabeenyaa lafa Aboriginaa ti, lafa hatame ture sana. Yoo xiqqaate seenaa kana ifa gochuu, seenaa kana irratti walii galuu fi egeree gaarii uumuu keessatti gahee guddaa taphatuu qabna."
Nowhere was resistance to white colonisers greater than from Tasmanian Aboriginal people, but within a generation only a few had survived the Black War.
Nowhere was resistance to white colonisers greater than from Tasmanian Aboriginal people, but within a generation only a few had survived the Black War. Source: The Conversation / Robert Dowling/National Gallery of Victoria via The Conversation Source: The Conversation / Robert Dowling/National Gallery of Victoria via The Conversation

Seenaan kun maaliif yaadatamuu dhabe?

Professor Reynolds sabni loltoota ishee kufan yaadannoo waraanaa hedduu keessatti kabajju Awustiraaliyaan, Waraanni Daangaa akka ta’ee tureef fi gocha yakkaa dhala namaa irratti raawwatameen kan guutame ta’uu isaa ifatti hubachuu qabdi jedhee amana.

“Akkamitti waraanni Australia akka ture walii galuu dadhabne, " jechuun gaaffii kaasa.

“Ameerikaatti kun akkas miti, waldhabdee [Namoota Ameerikaa] waliin tahe hunda seeraan akka waraanaatti ifatti hubatameera. New Zealand, keessatti akkas akka hin taane ifaadha, waraanni Maori yeroo hunda qaama seenaa baayyee barbaachisaa tahee beekama.”

Sababni hubannaa kana dhorke waan salphaa tokko jedhti ,Rachel Perkins.

''Awustiraaliyaan addunyaa kana irratti iddoowwan addaa koloneeffattoonni gad-dhiisanii hin baane tokko dha "jedhti.
Koloneeffattoonni ykn qubsiistonni isaan waliin dhufan aangoorratti hafaniiru, kanaaf humni koloneeffattotni biyya qabatan waan hin baaneef, sabichi warra biyya kanaaf ittisa godheef beekamtii kennuu fi gammachuus ibsachuuf xiqqoo ulfaataa taha jedheen yaada!
Rachel Perkins, Filmmaker.
Dr Clements jechoota loltoota Australia kufanii dhaabbataatti ittiin jejachuuf yeroo baayyee itti fayyadamnu "akka hin daganne" nan amana, jejannaan kun loltoota lafa isaanii irratti inglizii mormaniifis akka fayyadamnus nan amana jedha.

“Biyyi koo seenaa ofii ishee darbee fi , badii warra ishee dura turan hamileedhaan beekamtii yoo kennite, gara fuulduraattis dogoggora sana hamma dandeettii isheetiin sirreessuuf guutummaatti yoo of kennite baay’ee na boonsa ... Ijoolleen koo eessa iyyuu akka gahaniin barbaada, bakka teessuma lafaa kamuu fakkeenyaaf yoo bakka yaadannoos tahe ykn bakka moggaasaas tahe, Aborjinaalummaan achi jira, waan jiru dha , waan beekamtii qabu dha. "


is available to stream on SBS On Demand in five languages: Simplified Chinese, Arabic, Traditional Chinese, Vietnamese, and Korean. The series is also available with audio descriptions/subtitles for blind or vision-impaired audiences.
This content was first published in September 2022.

Share