Hoorisa daandii irraatti isin mudatu maal goodhtu?

Australia Explained - Road Rage

Credit: Jacobs Stock Photography Ltd/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Aariin oofuun amala badaa konkolaachisummaa walitti fufiinsaan dhalatuu fi balaa konkolaataa uumu akkasumas hokkara karaa irraa dabalu dha. Namootni hokkora daandii irraa raawwatan Australia keessatti yakka traafikaatti gaafatamu, Insuraansii isaanii irratti dhiibbaa qabaata akkasumas balaa raawwataniin lubbuu isaanii fi kanneen biroos balaa irra buusu. Nagaan bahanii galuu kan namnuu eegu tahuu fi yoo isin ykn nami jaallattan tokko hoorisni daandii irraa mudate maal akka goodhtan barruun kun isin hubachiisa.


Tuqaalee Ijoo
  • oofichi aarii fi horisaan guutame dhibee abbuma irraa ka'uu fi alaa nama mudatu irraa ti
  • Yoo namni isin irratti hoori''e dugda deebisuuf hin yaalinaa
  • Konkolaachistoota biraa yeroo dogoggora hojjetan shakkiif carraa kenniif
Waraqaa ehamaa konkolaachisummaa qabaachuu fi konkolaachistoota kaanis akka ofiitti ilaaluun wal qabatee deema.

Garuu namootni tokko tokko yeroo aaran ykn jinaawan marii duuba tahanii murtee isaan filatan namoota kaan daandii irra jiran miidhuu fi oofitii nagoomaas burjaajessuu danda'a.

Istaatistiksii beekamaan taateewwan hoorisaa ykn dheekkamsa daandii irratti raawwataman guutuu biyyattiitti Australia keessatti hin jiraatinuu malee, qorannoon bara 2024 marsariitii wal bira qabanii ilaaluu irraa Finder kan arge Awustraaliyaanota afur keessaa sadii hoorisaa ykn dheekkamsi daandii irraa isaan mudata.
Australia Explained - Road Rage
Impatient woman gesturing while driving car during rush hour in the city Credit: freemixer/Getty Images
University Queensland Mana barumsaa Xin-Sammuu irraa Professor James Kirby(Kerbii) wanneen daandii irratti hoorisa kakaasaan hedduu adda baasuun dubbata.

Dubbiin ilaalcha dhuunfaa irraa ka'uu danda'a jedha. Loogii ykn ilaalcha dogoggoraa gosa tokko qabaachuus dandeessa. Kanneen hoorisaaf nama san kakaasan keessaa, wantoota akka saala nama sanii, bifa ykn umuriin nu irra guddaa dha jechuunfaa fakkeenyaaf tokko.

" Kanneen amootni tahe jedhanii akka waan isaani irratti hojjetanii yaaduu fi beeka trafika na qabsiisan jedhanii yaaduunfaas fakkeenya tokko, jedha. “

Wanneen haala waliin deeman tokko tokkos dhiibbaa fidan qabu.

"Yeroo duukaa fiiguu, inni kun isa guddaa dha.  Namootni bakka tokko irraa tokkotti ariifatan,  yeroo trafic isaan qabu hoorisaa ykn dheekkamsaan guutamu,"

Yeroo baayyee amalootni hoorisaa ykn dheekkamsa karaa irraa maddisiisan nagaa booressan, miira to’annoo sobaa konkolaachisttotni of keessatti uuman irraatis jedha.

"Yeroo aarru baayyee xiyyeeffanna, nama daddabraa dubbatu sana bira gahuuf yaalla. Yeroo sanitti dandeettii konkolaachisummaa addaa akka qabnutti sobaan of amansiifnee caalaattuu balaaf of saaxilla. Nammoota kaan daandii irra jiran irra, ani konkolaachisaa irra wayyaa dha jedhanii yaaduun ittumaa balaa fida, "jedha Prof Kirby.

"Kanaafuu rakkinichi, dhuguma, miira ani konkolachiftoota daandii irra jiranii ol jedhu qabaacuu irraa ti,"
Australia Explained - Road Rage
Angry Middle Eastern man Attacking Another Driver Sitting In Car Credit: DjelicS/Getty Images

Hoorisaa daandii irraa tasgabbeessuu

Amaloonni hoorisaa ykn dheekkamsaa daandii irratti mul’atan, namoota biroo aarsuuf brake qabuu, ykn miira namaa aariif kaasuuf suuta oofuu, konkolaataa kan nama biraa duuba bu’anii har’uu, saffisa itti dabaluu, ibsaa ammaa amma itti ibsuun namootni kaan daandii isaanii irraa akka bahan gochuu fi jala siqanii dhaabbachuu dabalata.

Victoria keessatti qofa konkolaataa fuulduraa jalqa siqanii dhaabbachuu ilaalchisee waggaatti adabni kumni lama(2000) galmeessamuu tilmaamama.

James Williams itti mataa Imaammata Royal Automobile Club kan Victoria ti, konkolaataa jala siqanii dhaabbachuu jechuu maal akka tahe ibseera.

"Konkolaataa jala buhanii dhaabbachuun, hagam nama sani irraa fagaattee ykn fageenya konkolaata lameen gidduu jiru utuu hin taane, haalichaa fi daandii irratti yeroo san maaltu tahaa jira isa jedhu dha.

"Yeroo dheeraadhaaf konkolaataa si fuuldura jirutti hagam siqxee akka ati dhaabbatte irrattis hundaawa.  Kun, seera keessatti konkolaataa duuba fageenya maluun dhaabbachuu dhabuu jedhamee ibsameera."
Angry Woman Gestures in Car
Road rage in itself is an offence, however actions associated with aggressive driving compromising road safety are penalised. Credit: John W. Banagan/Getty Images
Daandii irra baatanii nama hoorisaan isin dhuunfatu yoo taatan, garuu nageenyaaf dursa kennaa

"kan yoo namni motora oofu konkolaataan hordofamaa jiraatee, fi haleellaas tahu lolli jiraatuu baatus, waanneen taatewwan cimoo daandii irratti nama mudatan akkasiif nageenya isaaniif sodaa yoo qabaatan, itti fufanii oofuufis yoo sodaatan waajjira polisaa qunnamuu fi iddoo nageenya qabutti jalaa bahuu yaaluu dha, "jedha obbo Williams.

Yoo ofiif hokkarichi kan isin mudatu tahe, wanti miidhagaan gochuu qabdan tasgabbaahuu fi naannoo sana dhiistanii deemuu dha. Dubbii dhiisuu jechuun, konkolaachisaan dabruu barbaadu sun akka dabru gochuu, nagumaan jalaa maquu dha.

"Yeroo hunda iyyuu amaloota akkasii dubbii baballisuu fi hokkara qabu keessa dhaquu dhiisuun barbaachisaa dha, " jedha obbo Williams dabalee.

Hoorisaa daandii irraa fi Insuraansii

Akkuma beekamu, Insuraansiin konkolaataa, sababa aariin walitti bu’iinsa irraa miidhaa konkolaataa irra gaheef, baasii ni haguuga.

kunis insuraansii nama yakka raawwate saniitu gatii baasa jedha ogeessi Insuraansii Finder Tim Bennett yeroo ibsu. Balaa taheen booda maal akka gochuu qabdanis ni ibsa.

"Want tahu, konkolaataan lameenuu ni dhaabbatu duuba Odeeffannoo dhuunfaa wal jijjiiru,"

"Kun yeroo hunda salphaa tahuu dhiisuu mala, keessattuu yoo tokko hokkara eegalu.  Yoo haalli akkasii isin mudate daftanii wanna tahe san tartiibaan galmeeffachuu isin barbaachisa. Yoo dhibee dhibe, lakkoofsa konkolaataa sanii galmeeffachuu yaalaa." jedha.
Australia Explained - Road Rage
Cyclists and pedestrians are road users who are also potential targets of road rage behaviours. Credit: olaser/Getty Images
Sababa hoorisaa daandii irraan insuraansii ofii yoo gaafatan, namni hoorisaa kaase sun dhaabbata insuraansi isaatiin itti gaafatama.

"Akka ani yaaduttis kun waanuma haqaa ti. Yoo balaa taheef badiin gara kee tahe akkasumas insuraansiin kee sii kafaluu qaba tahe, kan waggaatti kaffaltu ol dabala , "jedha obbo Bennetti yeroo ibsu.

"Akka carraa tahe, gami tokkoon namni balaa saniin miidhame iyyates kaffaltiin isuraansii waggaatti kafalu oli tti dabaluu danda’a. Fakkeenyaaf, namni kun balaa irraa bilisa turee kan silaa jejamuu fi kennaa wa’ii argatu sababa kanaaf jecha ni dhaba jechuu dha yoo xiqqaate. kunis insuraansii keessan irratti hundaawa. "

Yoo imalaa konkolaataa keessaa taate hoo?

Yoo imalaa taate konkolaataa keessa jirta tahe, amaloota hoorisaan yeroo namni oofu si cinquu danda’a. Sababa kanaas Prof Kirby akka itti aanutti ibsa.

"Sababni isaa atti humna-dhabeessa taata haala akkasii keessatti. Lubbuun jiraachuun kee si barbaachisa balaa uumamuu maluuf amala mul'ataa jiru santu murteessaa dha."

Dubbachuufis tarii knokolaachisaa waliin walitti dhufeenya badaa hin qabdu taha.

"yoo tarii kanneen akka "tasgabbaa'i jedhuufaa jedhtee fudhatama hin qabu yeroo baayyee nama saniin. xiqqoo dubbii ho''isuu danda'a."

Irra caalaa, jalqaba kan jechuu qabdu haalichi akka nama sana aarse dhugeessuufii ykn fudhachuufii jechoota akka "hamaa ture" ykn "rakkisaa ture" jedhu fayyadamuun tarii nama sanaaf aarii isaa hubachuufii taha.
Australia Explained - Road Rage
You can try several strategies as a passenger to calm down the driver amidst a road age incident, but their effectiveness will depend on the nature and quality of your relationship. Credit: PixelsEffect/Getty Images
"Sun hubatamuu isaanitti dhageessisa ykn wanna tahe sana dhugeessuufiin waliin dubbachuuf karaa bana, hamaan deebisuu irras waliin dubbachuuf carraa uuma."

"Nama kana hagam akka ati beektu irratti hundaawe, tarii yaada laachuufis dandeessa taha. Mala dubbii qabbaneessu faluu, raadioo banuu, karaa irraa maqee akka dabarsu jajjabeessuu kkf yaada hiruufii dandeessa. "

Xumurri dubbii, namni nagaa fi itti gaafatamummaa qabu tokko yeroo konkolaataa qabatu nama hubataa, xiyyeeffataa tahuu qaba.

"Akka carraa tahee , dogoggorri daandii irraa balaa baatu kanaafis tarii kan dafnee aariin irra aanuu barbaadnu, " jedha Prof Kirby.

" Wanti ani isin gorsu garuu daftanii murtii kennuutti hin ariifatinaa, haga dandeessan dhiifama godhaa. Haala akkasii keessatti walmorkuu hin fedhsisu, namni ni dogoggora waan taheef. "
Australia Explained - Road Rage
If a person consistently engages in road rage behaviour, psychological therapy can help them deal with the management and expression of their anger, Prof Kirby says. Source: Moment RF / Fiordaliso/Getty Images
If you feel unsafe amidst a road incident, contact the police.

Bad driving behaviour can also be reported by calling Crimestoppers on 1800 333 000.

Share