Seera Karaa namoota miilaan deemanii- seera karaa qaxxaamuruu

Pedestrian crossing warning sign

Pedestrian safety is about using common sense, but we can’t rely on this alone. Source: Moment RF / Simon McGill/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Guyyaa guyyaan guutummaa Australia keessatti namoonni miilaan deeman osoo hin beekin seera cabsu. Kunis adabbii fi darbee darbee balaa fiduu danda’a. Seera miilaan karaa ce'umsaa Australia keessaa hubachuun adaba hin barbaachisfne of irraa ittisaa akkasumas nagooma keessan tiksaa.


Nageenya Namoota miilaan deemanii eeguun miira namnuu dhalootaan qabuu dha.

Haa tahu malee, ogeettiin nageenya karaa Dimitra Vlahomitros NRMA irraa akka jedhutti, miira kana qofaa irratti hundaawuu hin qabnu jedha.

Seerichi sirna beekamaa Australia maraa fi naannawa ishee keessatti wal fakkaatu iyyuu iddoo itti adda tahu qaba.

Seerri karaa Australia kan namoota miilaan deemanii tarii namoota kaanitti cimaa fakkaatuu mala, garuu karaa fi daandii hundumtuu waliin qooddatanii waan dhimma itti bahaniif seerichi bakka jira jedhti Vlahomtitros.

"Ijoolleen haala kanaaf saaxilamoo tahuu ni beekna, kanaaf, ijoolleen keenya, jarolee fi namootni machaawan saaxilamoo dha.”

Kanneen miilaan deeman eenyufaa dha?

Itti mataan Imaammata Kilbii Royal Automobile Victoria (RACV), James Williams akka jedhutti, ija seeraatiin hiikaan nama miilaan deemuu jedhu bal’aa dha.

“Australia keessatti Namoota miilaan deeman jechuun nama miilaan karaa irra deemaa jiru ykn karaa irratti agarru jechuu miti,"jedha.

"Kanneen miilaan deeman jechuu, dhugumatti nama kam illee kan sayikilii oofu ykn wanneen gommaa qaban kannee akka fududdee miilaa (skateboard, geengoo (roller skates, geengoo gabatee (rollerblades, teessuma deemsaa (wheelchairs), akkasumas garuu teessuma irra taa’anii ittiin deeman (mobility scooters) kan dabaluu dha."
James Williams, Head of Policy, RACV
Crowd of people walking across zebra, top view
It’s an offence to walk without reasonable consideration of other road users. Credit: vm/Getty Images

Karaa qaxxaamuranii qabamuu

Walumaa gala, yeroo karaa irra qaxxaamurru akkaataan itti nageenya keenya eeggachuu dandeenyu, karaa Seerri nuuf hayyamuu fi mallattoon karaa ittii dabran jiruu dha.

Kanaaf, yoo mallattoo namaa magarsiisa tahe sitti mul’ise deemi. Yeroo mallattoo diimaan ifaa jiru karaa irra qaxaamuruu hin yaalin. Yoo mallattoon nama fakkaatu diimaa ifaa jira tahee, garuu ati karaa irra qaxxaamurte adabamuu dandeessa

"Karaa seeraa alaa deemuu kan jedhu Seerri Australia keessa hin jiru – yaadni isaa kan biyya America ti, jedha Hoji gaggeessaa ol-aanaa fi bu'uuressaan Gumii Miilaan deemtota Australia, "Harold Scruby.

"Australia keessatti namoonni miilaan deeman karaa kam illee, yeroo kam illee eeggannoodhaan irra qaxxaamuruu danda’u. Meetirii 20 karaa irra qaxxaamuramu keessatti fi ibsaa diimaa balaqisaa (flashing light) ykn ibsaa diimaa guutummaatti mul’atu yoo hin tahin karaa qaxxaamuruu danda’an."

NSW keessatti osoo ibsaa diimaan balaqisuu (flashing red light) yoo karaa irra qaxxaamuruuf deemsa itti fufte ni adabamta.
Road with speed hump sign. This type of speed hump is usually confused with a zebra crossing
Road with speed hump sign. This type of speed hump is usually confused with a zebra crossing. Source: iStockphoto / Veronica Todaro/Getty Images/iStockphoto

Iddoo kamitti karaa qaxxaamuruun danda'ama

Yoo ibsaan hin jiru tahe mallattoo murumuramaa, halluu adiidhaan dibame, karaa irra qaxxaamuran irra jiru ilaali. Bakka kanatti konkolaataan namoota miilaan deemaniif dursa kennuu qaban.

Daandiin irra karaa qaxxaamuran yeroo takka takka bakka marfata karaa qaxaamuraa (wombat crossing) – karaa buburree dibamee jiru jedhama.

Iddoon kun yeroo baayyee wal nama dhawa: kun kan irra qaxxaamuran moo, saffisa hir'isanii akka traafik suuta jedhuufi?

Kanaaf karaan irra deemaa jirtu kan ati ittiin karaa qaxxaamurtu moo miti kan jedhu dursitee ilaaluu qabda. Mallattoon namaa ykn mallattoon miilaa ni mul’ataa? Kanaaf, karaa irra qaxxaamuramuu fi mitii isaa dursitee ilaaluu qabda.

Karaa namni irra kutuu hin dandeenye dalasaadhaan cufuu ykn mallattoo ‘karaan miilaa hin jiru’ jedhu mul’achuu mala, maal hordofuu qabda?

Akka namni kokolaataa hin fiigsine kan dhorkus mallatto of irraa hin qabu waan akka sararaa adii, iddoo kanaa lafti ol kaafamee jira. lafa ol ka'aa qarqaraan adii dibamee gar lamaan bifa pianoo qabu.

Nagoomaan akkamiin karaa qaxxaamurra

"Yoo karaan miilaan irra qaxxaamuramu daandii irratti hin tolchamne tahe kara miilaan irra qaxxaamurtu kan gabaabaa fi kallattiin irra qaxxaamurtu tahuu qaba malee kan karicha irra mammaqa qabu tahuu hin qabu, " jedha obbo Williams.

"Dabalees kan namoonni hubatuu qaban yoo karaa qaxxaamurta tahe konkolaataa sitti dhufaa jirutti deemuun seeraan ala, akkasumas balaaf of saaxiluu kee taha."
Pedestrians cross a busy intersection in the city
Drivers must give way to pedestrians when entering or leaving a driveway, when using shared zones and at pedestrian crossings. Source: Moment RF / Diane Keough/Getty Images

Karaa walakkaa deemuu dandeessaa?

Seera karaa osoo hin eegin karaa irra deemuun ni adabsiisa kan jedhu si raajuu danda’a.

Sababa gahaa yoo qabaatte malee seera karaa osoo hin eegin deemuun yakka adaba qabaata. Utuu karaan irra cehan jiruu karaa walakkaa deemuun yakkatti siqa.

Yoo sararaan ykn mallattoon karaa irra ittiin qaxxaamuran hin jiru yoo tahe namootni karaa irra qaxxaamuruu ni danda’u.

RACV kokolaataa agartu fuulaan itti deemi malee kokolaataatti dugda kee hin kennin, jechuu akeekuu dubbata obbo Williams.

"Konkolaataa sitti dhufaa jiru saphlaatti agarta, konkolaataa si buudaan dhufaa jiru garuu arguu hin dandeessa.”

Miilaan deemtotni mirga qaban qabu

Namootni konkolaataa oofan, fakkeenyaaf,yeroo karaa irra deemaa jiran keessaa bahan fi karaa irra qaxxaamuran, Namoota miilaan deemaniif dursa kennuu qabu.
Kid crossing the street at a pedestrian crossing and listening to music on his cellphone
Smart phones have bred a population of pedestrians who show disregard for traffic and the impending danger. Credit: Dobrila Vignjevic/Getty Images

Adaba

Bakka jiraattan irratti hundaawee adabni kennamu adda adda

Victoria keessatti, namootni miilaan deeman yoo seera karaa hin eegan tahe ykn karaa Seerri hayyamuuf irraa meetirii 20 irraa fagaatanii karaa qaxxaamuran $96 irraa qabee adabamu.

" Seera karaa miilaa eeguu dhabuu irraa yoo karaa qaxxaamuree fi polisiin yoo qabe $385 adabamuu danda’a.”

Naamusa miilaan deemtotaa

Miilaan deemuun yeroo hunda adaba qaba jechuu miti, fakkeenyaaf yeroo karaa miilaa irra deemtu handaara gara bitaa qabattee deemuun namoota akkuma kee karaa waliin hirmaattee irra deemaa jirtu waliin bakka waliif hiluuf gargaara.

Nageenyi si tokko tokko gad of-deebisuu irraa madda

Amaleeffata miilaan deemtotaa(Pedestrian zombies)

Bilbila harkaa ammayyee kun miilaan deemtota amaleeffatnaa tahee, seera traafikaa illee akka hin ilaalle gochuun balaaf saaxilaa jira.
'Amaleeffata miilaan deemtotaa (pedestrian zombies) addunyaa irratti yeroo ammaa beekamaa kan tahee fi balaa karaa keessaaf sababa kan tahee dha;
Harold Scruby, CEO, Pedestrian Council of Australia
Yeroo ammaa Seerri karaa irra ittiin qaxxaamuranuii ni jira garuu dabree dabree seerichi hojii irra oolaa jira.

Gumiin Miilaan Karaa Deemtotaa Australia (Pedestrian Council of Australia) yeroo karaa miilaan qaxxaamuran waan birootti qabamuu ilaalchisee jijjiiramni akka dhufuu fi lubbuun namaa akka hin miidhamne Seerri biyyaalessaa ifaa tahe akka tolchamuuf hawwannoo gaggeessaa.

“Yoo meeshaa (device) harkaan qabattee ykn itti bu’aa karaa irra deemta tahe, yeroo karaa irra qaxxaamuraa jirtu yaadni kee danqamee jira jedhee kan polisiin fudhatu yoo tahe $200 adabamta," jedha obbo Scruby.

Seera karaa miilaan deemtotaa Kutaa ykn naannoo keessa jirtuu mar’sariitee Komishina Geejjibsa Biyyaalessaa (National Transport Commission) irra ilaali.


Share